- N/S/Lafto, Finfinne, Ethiopia
- +251-903-439-943
- Mon - Sat 8.00 - 18.00
News & Events
Hayu Academy > Odeeffannoo | News > Xiinxala: #Tiktok itti-fufuu kan danda’u Dhaabbata Ameerikaatti yoo gurgurame qofa
Xiinxala: #Tiktok itti-fufuu kan danda’u Dhaabbata Ameerikaatti yoo gurgurame qofa
- March 26, 2023
- Posted by: hayu
- Category: Odeeffannoo | News Tech News
Himatni Ameerikaan Dhaabbata #Tiktok irratti dhiyeessite maal irra jira?
Qoosaa fakkeessinee irra deddeebiidhaan Marsaalee irratti kan dubbachaa turre, Dhaabbatni #tiktok dhuguma cufamuufii?
Ji’a tokkoon dura Mana murtii Ameerikaatti kan himatame dhaabbatni Tekinoolojii suursagalee olkuusuu irratti hojjatu #Tiktok kamisa darbe Mana Marii Ameerikaatiif ibsa kenneera.
Mana Maree Ameerikaatiif kan Ibsa kenne Dargeessi dhaabbata Tiktok Hoogganu ‘Chou Chew’, Himata Mana Murtii AMeerikaatti irratti dhiyaate bu’uura godhachuudhaan deebii kennuuf yaalus gaaffileen adda addaa fi yaadni mormii heddu irratti dhiyaateera.
Daabbaticha irratti himatni Manni Murtii Ameerikaa dhiyeesse ijoon lama. Isaanis:
a) Odeeffannoon Namoota dhuunfaa lammii Ameerikaa kanneen Fayyadamaa(App) Tiktok fayyadamaa jiran dabarfamanii Mootummaa Chaayinaatiif kannamaa jiraachuu
b) Fayyadamaan(App) Tiktok Miidhaa Daa’imman Lammiilee Ameerikaa irraan-qaqqabsiisuu(Children Abuse) fa’a dha.
Himata Mana Murtii kana hordofee Mana Maree Ameerikaa(Kongireesii) Ameerikaatiif ibsa kan kenne hoogganaan dhaabbatichaa Obbo.Chou Chew yoo tahu, Koomgiresiin turtii sa’aatii 5tiif dhageeffateera.
Gaafilee adda addaa ka’aniifs Obbo Chou deebii kenne keessaa muraasni:
- Nama Lammii Siingaappore akka tahe ibsuudhaan eegale, Singapore. Landon fi Ameerikaa(Harvard)tti barachuu ibsuudhaan, Dhaabbata Facebookitti ‘intern’ bahuu, Bara 2021 achii deebi’ee dhaabbata ‘ByteDance’tti dabalamuudhaan Kutaa Faayinaansii hoogganaa kan ture yeroo booda Hoogganaa Tiktok tahuu hime.
- Itti-Aansuudhaan Dhaabbatichi Waajjirasaa ‘Singapore’ fi ‘Virginia’ tahuu ibse
- Lammiileen Ameerikaa Mil.150 App Tiktok akka fayyadaman ibsuudhaan, Dhaabbaleen Ameerikaa 5000 ol Tiktok irraa fayyadamaa jiraachuu ibse
- Yeroo ammaa dhaabbatichi Ameerikaa keessaa hojjattoota 7000 akka qabu ibsuudhaan, Daataan Lammiilee biyyattii Biyyattima keessatti lammiilee isheetiin too’atamaa jira jechuun deebise.
Dabalataanis ‘Daataa’ Singapore jiru ammoo bara kana guutumatti gara Ameerikaatti deebisuuf hojjatamaa jiras jedheera. Himatni Odeeffannoon namoota dhuunfaa lammillee Ameerikaa Mootummaa ‘China’tiif dabarfamee kannama jedhamu ‘Dogogoora. akkasumas ragaa kan hin qabneedha’ jedheera. ‘Daataan dabarfamee kenname jira qaamni jedhu ragaa yoo qabaate dhiyeessuu danda’as’ jedhe. Deebii kana hordofee ‘Daataan namoota dhuunfaa lammiilee Ameerikaa dabarfamee Mootummaa Chinatif akka hin kennamne ragaa maal nuuf dhiyeessitas…’ gaaffiin jedhu itti ka’eera.
Kana malees gaaffilee hedduu Mana Marichaa irraa ka’aniif deebii kennuuf yaaleera obbo.Chou. Gaaffilee Siyaasaan waltuqan muraasa irratti yaada kennuu irraa kan ofqusate Dargaggeessichi, ‘Hanga Hoogganaa dhaabbatichaa ta’ee as gaafa tokkollee Aangawoota Siyaasaa Chaayinaa waliin akka walhin qunnamin, Tiktok Biyya Chaayinaa keessatti akka hin hojjannee fi kana duras kana booda Dhaabbatichi Gidduseenummaa Qaama siyaasaa tokko malee akka hojjachuu itti fufu’ mirkaneesseera.
Ibsa Mana Maree Ameerikaatiif kenname booda Gaaffilee fi Mormii jajjaboo Miseensota Mana Marichaatiin dhiyaatan hordofee Miseensi Mana Marichaa Dhaabbata Tiktok dhaaf deeggarsa agarsiise tokkollee hin jiru, Kun ammoo ‘Uggura akka biyyoolessatti’ dhaabbaticharratti kaayamuuf karaa mijeessuuf.
Adeemsa kana hordofee Gareen ‘Dimookiraatota Ameerikaa, Fayyadamtootni App‘ kanaa murtee akka biyyoolessatti yaadame Mormaa jiru.
Fuulduratti Dhaabbatichi maaltaha, ykn Tarkaanfiin itti-Aanu maali gaaffii jedhuuf #Tilmaama(Deebii) lamatu jira.
1ffaan: Dhaabbatichi Guutummaa Ameerikaa keessaa yn Sadarkaa Biyyoolessatti Ugguramuu danda’a
2ffaa: Falli lammaffaa jiru ammoo dhaabbatichi Dabarfamee Dhaabbilee Ameerikaatti gurguramuudha.
Murteen 1ffaan ni fudhatama yoo tahe Seera biyyattii wajjiin walitti araarsuuf hojiin dabalataa akka barbaachisu himu ogeeyyiin seeraa, Murteen 2ffaan ni fudhatama yoo tahe Chaayinaan akka mormitu ammumarraa ibsiteerti.
Pre.Trump yeroo aangoo irra turetti tarkaanfii walfakkaataa dhaabbata Telekoomii guddicha baadiyaa Ameerikaa fi Awuroophaa dhuunfatee hojjachaa ture ‘Huawei’ irratti himata walfakkaataa ‘Odeeffannoo lammiilee Ameerikaa Mootummaa Chaayinaatiif dabarse..’ jedhuun himateen Uggursiisee gabaa idil-Addunyaa keessaa baasuudhaan Play Store fi Apple store dabalatee ‘Oomishaaleen’ dhaabbatichaa akka ugguraman taasisuudhaan dhaabbaticha kasaarsuun isaanii yaadannoo yeroo dhiyooti.
Odeeffannoo walfakkaatuun walitti-deebina
Maxxansa kana waliif hiraa
Hayu Academy
2 Comments
Leave a Reply Cancel reply
Latest Posts
- Tooftaan salphaan Interneetaan Galii argachuu nu gargaaru jalqabaa ‘Marsariitii(Website)’ banatanii hojjachuudha…
- Xiinxala: #Tiktok itti-fufuu kan danda’u Dhaabbata Ameerikaatti yoo gurgurame qofa
- Biyya Itoophiyaa keessatti Interneetiin galii guddaa kafalaa jira jedhameera
- Warraaqsa Diinagdee #7 Alex Taye irraa maal baranna
- Waraaqsa Dinagdee 6 |Guraageerraa Maal baranna, maalimmoo barachuu dhiisna?
Popular Posts
Ajaa’iba dhugaa dhimmi siyaasa addunyaa kuni nama raaja🤔
Ameerkaaf gurguramu malee kan jedhu kuni ammoo addatti fedhii dhuunfaa ofii kan jedhu tokko argisiisaam😊
Biyyi Ameerkaa tuni garraamiidhaam🫡
tobknow about tik tok awerness