- N/S/Lafto, Finfinne, Ethiopia
- +251-903-439-943
- Mon - Sat 8.00 - 18.00
News & Events
Tooftaan salphaa fi baasii xiqqoodhaan karaa toora Interneetaa hojii uumachuu dandeessu.
Hayu Academy > Odeeffannoo | News > Tooftaan salphaan Interneetaan Galii argachuu nu gargaaru jalqabaa ‘Marsariitii(Website)’ banatanii hojjachuudha…
Tooftaan salphaan Interneetaan Galii argachuu nu gargaaru jalqabaa ‘Marsariitii(Website)’ banatanii hojjachuudha…
- March 28, 2023
- Posted by: hayu
- Category: Odeeffannoo | News Tech News
Interneetaan Galii argachuu: Marsariitii(Website) banatanii irratti Barreessuudhaan galii olaanaa argachuun ni danda’ama
**********
Tooftaalee karaa Interneetaan Galii argachuuf nu gargaaran keessaa tooftaan salphaa fi Galii guddaa argachuuf gargaaru ijoowwan keessaa tokko Marsariitii(Website) Uummachuu fi Irratti Barreessuu. Namootni akkasiis Barreessitoota Toorarraa(Bloggers) jedhamu.
Tooftaan kun baasii salphaa baasanii haala salphaan hojii uummachuu keessatti kan ramadamu yoo tahu baroota hedduuf madda galii tahuudhaan sadarkaa idil-addunyaatti lammiilee hedduuf carraa hojii uumee jira. Kanaafuu Addunyaa amma irra jirru tana irra Barreessitoota Toorarraa(Bloggers) miliyoonotaan lakkaawaman hedduutu jira, tokko tokko inumaa Galii miliyoonota hedduun argachuu bira darbee enyummaasaa ijaaree muldhisee Beekkamtii olaanaa argachuutti jira.
Namni tokko ykn dhaabbatni tokko marsariitii yoo banatu tajaajiloota adda addaatiif kan dhimma itti bahu tasu isaan keessaa Oomishaalee fi tajaajiloota isaa beeksifachuuf darbees akka madda galiitti tajaajilamuu danda’a.
Bara darbe Bloogaroonni galii guddaa argatan eenyu fa’a? (Galii meeqa immoo argatan?) jennee yoo xiinxalle kanneen sadarkaa olaanoo irra jiran 5
#1: Timothy Sykes (ji’atti doolaara miiliyoona 1)
#2: Chiara Ferragni (ji’atti doolaara kuma 250)
#3: Melyssa Griffin (ji’atti doolaara 238,000)
#4: Saaraa Tiitoos (ji’atti doolaara kuma 200)
#5: Paat Filiin (ji’atti doolaara kuma 200) fikkf dha
Marsariitiin(Website) akkamitti madda galii tahuu danda’a?
1ffaa – Ofqopheessuudha. Ofqopheessuu yommuu jennu waan hojjachuu danda’an adda baafatanii beekuu ykn Yaada qopheeffachuudha.
Marsariitii(Website) keenyarratti maal hojjachuu akka dandeenyu bu’uura dandeettii fi ogummaa keenyaatiin qophaayuu.
Bu’uuruma kanaan Yeroo heddu namootni hedduu seektara ogummaa fi hojii isaanii salphatti hojjachuuf isaan dandeessisu yommuu filatan hojii hojjachuuf karoorfatan san haala salphaan itti-fufsiisuuf waan isaan gargaaruuf jechuudha.
Haala kanaan Akka sadarkaa Idil-Addunyaatti Namootni ogummaa fi hojii salphaatti hojjatanii irraa fayyadamuuf kanneen isaan filatan muraasa akka armaan gadiitti tarreessineerra:
- Yaada Dhuunfaa(Xiinxala, gorsa, waan baratan, waan dubbisan, muuxannoo, yaada-namootaa fikkf…) irratti dhiyeessuuf
- Barnoota(Hubannoo dhuunfaa, Barnota Idilee/Al idilee, barnoota Fayyaa, Barnoota Seeraa, Barnoota Tekinoolojii fikkf….) irratti barsoosuu
- Marsariitii isaanii akka Madda Oduu(miidiyaatti) dhimma bahuu. Kun tooftaa salphaa fi hojii Guyyuu karaa odeeffannoo adda addaa miidiyaalee irraa funaanaa ykn ofii gulaalaa irratti gadi lakkisuudhaan dubbistoota biraan gahanii fi salphaatti hojjachuuf kan nama gargaaruudha
- Marsariitii isaanii Oomishaalee ykn tajaajiloota adda addaa irratti gurgurachuun madda galii godhachuu
- Tooftaalee asii olii hunduma walitti qabaniis dhimma itti-bahuudhaan marsariitii ofii madda galii godhachuudhaan kanneen beekkaman hedduudha.
Marsariitii(website) madda galii godhannee fayyadamuuf maaltu barbaachisa?
Marsariitii(website) madda galii godhannee fayyadamuuf jalqabarratti baasii muraasa baasuu qabdu. Sababni baasii baaftaniin waan ijoo 3 qabaachuu isin barbaachisa waan taheef(Basically, you need only 3 things).
Wantootni ijoon isin barbaachisu kanneen armaan gadiiti:
a) Maqaa (Domain Name). Maqaa marsariitiin keessan ittiin banamu moggaafachuufi Bitachuu. Maqaan(Domain name) kan bitamu akka Idil-Addunyaatti waan taheef maqaan keessan Addunyaa irratti tokko qofa taha jechuudha. fkn: www.abdisabancha.com
b) Kuusaa Marsariitii (Web-Hosting). Kuusaan kun Maqaa keessan(Domain Name) keessaniin kan walitti hidhamuu fi hojii keessan gara-fuulduraatti hojjatamu kan irratti kuufamuu tahee tajaajila.
c) Saxaxa Marsariitii (Website Design) yoo tahu kun ammoo fuuldura marsariitii keessanii kan hojii itti hojjattanii fi Maamiltootni(dubbistootni/hordoftootni ) keesan hojii keessan ittiin ilaaluu ykn dubbisuuf isaan gargaaruudha, akkasumas ogeessaan kan hojjatamuudha. Kunis yeroo tokko qajeelee sirnaan yoo hojjatame waggootaaf isin tajaajiluu kan danda’u taha, yoo hin jaalatin abbaan yeroo barbaadetti jijjiirsifachuu danda’a. Isaan olii lamaan (a fi b) garuu waggaa waaggaan kafaltii xiqqootu itti kafalama(kiraan) jechuudha. Abbaan yoo barbaade kan waggaa 3 yeroo tokkotti kafaluu danda’a kanas.
Erga wantootni barbaachisoon asii olii sadan qophaayan booda Biloogarichi(Abbaan) hojiisaa jalqabuu qaba. Marsariitiin haaraa hojjatame sun Maxxansaalee qulqulliinnaafi haaraa qophaayan 25 ol irratti gadi lakkifamnaan Dhaabbata Google(Adsense) jedhamuun walitti hidhuudhaan Galii argachuu eegaluu ni danda’ama. Adeemsa kana ogeessi saxaxa website isiniif hojjate isin gargaaruu danda’a.
Hub:
Garee OICT Solutions wantoota barbaachisoo sadiinuu [saxaxa(design), Maqaa fi Kuusaa] isiniif dhiyeessuu ni danda’a.
1) Namootni barbaaddan karaa asii gadii nu qunnamuu dandeessu:
Email:- oict.solutions@gmail.com
Tel:-+251903439943
2) Namootni humna hin qabnu garuu Garee biraa yoo arganne waliin taanee hojjachuuf qophiidha jettan ammoo:
Email:- media.3f.news@gmail.com
irratti:
– Waa’ee keessan(Sad. Barnootaa, Iddoo jireenyaa, Odeeffannoo Qunnamtii….)
– Muuxannoo,
– fedhii hojii kanaaf qabdan
– qophii hojii kanaaf qabdan
– haala mijataa fi hudhaalee isin mudachuu danda’a jettanii yaaddan nuuf barreessaa nuuf ergaa
Maxxansa kana waliif qooduudhaa, hiriyyoota keessan hubachisuudhaan akka fayyadaman walgargaaraa
Galatoomaa
Hayu Academy
64 Comments
Leave a Reply Cancel reply
Latest Posts
- Tooftaan salphaan Interneetaan Galii argachuu nu gargaaru jalqabaa ‘Marsariitii(Website)’ banatanii hojjachuudha…
- Xiinxala: #Tiktok itti-fufuu kan danda’u Dhaabbata Ameerikaatti yoo gurgurame qofa
- Biyya Itoophiyaa keessatti Interneetiin galii guddaa kafalaa jira jedhameera
- Warraaqsa Diinagdee #7 Alex Taye irraa maal baranna
- Waraaqsa Dinagdee 6 |Guraageerraa Maal baranna, maalimmoo barachuu dhiisna?
Popular Posts
Baayyee galatoomi Abdi, waan guddaa(yaada gaarii)nu biraan ga’uu keeyiif.
Kafaltiin hangam taha ree
Saba keef qaalidha ati haayyu keenya nuuf jaabadhu
Galatoomaa mammiltoota keenya nu deeggaruuf qophii ta’uu keessaniif guddoo Galatoomaa!!
Thank you dear!!
Baay’ee galatoomi
Baayyee gaariidha namatti tola
Gudda ebbifamii maddikee haa jiidhu dhugaadha
Yaada gariidha jabadha nu jajjabessa
Dhugaa yaada baredaa ani yeroo heddu waan ofii koti yaala ture amma garuu akka irraa ittin milkaa.uu abdii qaba isiniraa
More hubannoo uumuurratti hojjadhu, keessaayyuu dargaggoota oogummaa garaa garaa qaban, kanneen dhaabbilee barnoota olaanaa irraa eebbifamanii taa’a jiran irratti. Being enterpreneour👌
More hubannoo uumuurratti hojjadhu, keessaayyuu dargaggoota oogummaa garaa garaa qaban, kanneen dhaabbilee barnoota olaanaa irraa eebbifamanii taa’a jiran irratti. Being enterpreneour👌
Yaadaa bilchaataa fi dhaloota humneessuun jijjiiruudha kuni.
Thank you very much,for your guidance.
kaffaltiin ‘domain name, web-hosting fir website design’f ‘ barbaachisu hagam taha?
Isin waliin hojjachuuf fedhii guddaa qaba
Hojii kana keessatti hirmaadhee hojjechuuf,fedhii guddaan qaba.
Special thanks from bottom of my heart for your hospitality and best wishes again
Hayuacademy dhugaa dubbachuuf gorsa sin nuuf laattaniif guddaa gammadeera.dhaloota waan qabaniin ogummaa qabaniin nama gargaaran akka keessanii qabaachun anan na boonsa.
Dhugaa dubbachuuf sin faana hojjachuu baay’een barbaada. Website fi bllogeraf kaffaltiin isaa ammam ta’a garuu?
Gudda galaatomii waan garii nuti himtee. Ani hojaachun barbaada
Abdii hedduu tokko galatoomi namni beekumsa ofii qabuu fi ofii barate nama dhaalchisa ati saba keetiif qaaliidha
Yaada baayyee gaarii dha. ABDISA ulfaadhu!
Guddaa guddaa galatoomi, Haabbee!
Hayuacademy. Hojii website biyyaa keenyaatti bayyee baratama miti, dhaloota kanaa barsiisuuf kaka’umsa godhuu keessaniif bayyee tokkoo galatooma isiniin jechuu barbaada. Isiin
walliin Hojjachuuf qophiidha
Waan gaariidhaa fi namootni hedduun irraa fayyadamuu dandahuu dha. Galatoomaa!
Gargaarsi ati lammiin Kee ofdanda’ee akka deemuuf godhaa jirtu waan baay’ee jajjabeeffamuudha. Guddaa galatoomi, Rabbiin galata kee gatii hin dhabsiisin!
Galatoomaa website Kan goggle Malee kanbiraa banuubarbaadaayi?
Heddu si hordofa waan ati sabakanaaf hojjattu hedduu arga Keessattuu Afaan Oromoo Google Akka tarree afaanota kaawwanii keessa galchu wonti ati hin taane hin jiru
Irra dabartee waroowwan heddu Akka galii isaanii haala salphaa ta’een argataniif ifaajaa turte ammas ifaajaa jirta
Rabbiin si haa tiksu
Umrii dheeradhu
Jajjabaadhu.
Ulfaadhu obboleessu.
early money kana haalli isaa nuu galeera,
garuu Haalli isaa mee yeroo barreessinu guyyaan moo ji’aan moo Akkami…?
barruu hangam baay’atu ta’uu qaba…?
Galatooma.
Waaqayyoo si haa eebbisuu ati nama qajeelaadha ammallee qalamnikee haa mirgisu
Yaada baayyee nama fayyaduudha galatoomaa warri Hayyuu Akkaadamii
Abdiisaa Bancaa
Muuxannoo
Hubannoo
Murannoo
Muudannoo
Hundaa argiteerta waan ta’eef uf duratti deemurraa second tokkoof uf duubatti hin mildhatin
Abdiisaa waan gaariidha umriin kee haaturu carraa hojii kan ormi keesaaa .nu dhiibaa jiru kanneen akka beeksisa hojii kanas itti haa yaadamu jalqabbiin gaariidha
Dhugaa dubbachuuf sin faana hojjachuu baay’een barbaada. Website fi bllogeraf kaffaltiin isaa ammam ta’a garuu?
Guddaa galatoomi!
Jabaadhu qaroo sabaa, hojii babbareedaa sabaaf ta’u hojjechaa jirta.
Hedduu galatoomi, anis akka nama tokkootti osoon si waliin hojjedhee hedduun gammada!
hojii kana keessatti hirmaadhee hojjechuuf,fedhii guddaan qaba jabaadha, galatooma hayyoota sabaa fi biyyaa!
Nuuf jiraadhu jabaa sabaa ! baga si qabaanne!
Yaada gaariifi hayyummaati.
Ulfaadhaa.
Anilleen toora kanaan hojjechuu nan barbaada.
ABDI keenya nuuf jaabaadhu ammale
Barnoota guudaa nuuf latta jirtani
Abdisa banca jara atti qalii ilmaa saba isaatif jiraatu dha kuttano fi muranoo atti saba keetif qabdu barumsa Guddaa naaf taatee jira.
How to create website
Hedduu galatoomi!!
Hojjechuu fedhii guddaan qaba kaffaltiin barbaachisu Hagami nuuf ibsaa maaloo
Barnoota teknoolojii akkamitti argachuu dandeenya?
Abdiisaa duraan dursa baga ilma oromoo taatee dhalatte jabaadhu rabbi ammas si haa jabeessu siif hin hafne yoo nuti ofitti dabne malee baay’ee galatoomi leenca koo
Abdiisaa duraan dursa baga ilma oromoo taatee dhalatte jabaadhu rabbi ammas si haa jabeessu siif hin hafne yoo nuti ofitti dabne malee baay’ee galatoomi leenca koo
hojjachuuf fedhii qaba garuu kaffaltii hangam gaafata nuuf ibsi
Ani hojii akkasi hojjechuuf fedhii olaanaan qaba!
Garuu wantoonni na hanqatan baayyee waan ta’aniif nan rakkadha!
Yoon namoota ijaaramani hojjetan argadhe carra akkasi gammachuudhaan itti daramuuf duubattii hinjedhu!
Leenjii dabalatas nan barbaada!
Jiraadhu
Guddaa galatoomii obbooleechaa keenyaa
galatoomaa
hojii keessan page kana irraa waa baay’ee dubbisee baradheera
itti fufaa jechuun barbaada
Jabaa ilma Oromoo Ulfadhu ,kabajami waan gaarii Oromoof fi dhaloota kanaaf dandii milka’inaa dhama’aa jirtaaf Rabbi gadiitti.waqayyo si haa eebbisu
Baasiin waliigala jiddugaleessan meqaa ni gaha abdi
Kafaltiin barbaachisu eenyuuf, maaliif, akkamitti kafalama , hagamtaan kafalama adda baasii nuu himi.
Hojii gaariidha daandii isaarra nubuusaa dogongora jiru nuuf sirreessaa woliin nii hojjanna.
Jiradha ammalle detail step explanation Barbara….. Namoota hubanno xiqa qabaniif.
Yeroo darbe barreeffama kana gadi dhiiftanii turtani. Ji’aa ol nii ta’a. Dhuguma seeneet karaa e-mail keessan 3F news namoota biroo waliin yoo nu gurmeessitan, muuxannoo waan qabnuuf nii hojjenna jennet isinii barreessinee turre. Isin hanga amma reply nuun goone. Ammas qophaa’ummaa keenya isinii mirkaneessuu barbaanna, yoo isin dhuguma oromoo gurmeessitanii hojjesiisuu feetan. Garuu hanga kana dura isin laalaa turretti, beekkamtii dhaafi malee hojii qabatamaaf akka isin baay’ee hin dhimmamne hubanne. Galatoomaa!!
Guddaa galatoomaa dear friend!
Garee kanati dabalamuun barbadas waan tahee kafalti isaa nati hima
Galatooma
Galatooma
Garee dhati makamee hojjechuuf qophidhaa
Business