- N/S/Lafto, Finfinne, Ethiopia
- +251-903-439-943
- Mon - Sat 8.00 - 18.00
News & Events
Warraaqsa Diinagdee #7 Alex Taye irraa maal baranna
- July 9, 2022
- Posted by: hayu
- Category: Odeeffannoo | News
No Comments
Warraaqsa Diinagdee #7 | Alex Taye irraa maal baranna
Aleks gurbaa cimaadha. Namni isa jaalata. Innimmoo Oromoo hunda jaalata. Garuu hanga Oromoo jaalatu caalaa hojii jaalata. Hojii argannaan itti seenee hojjechuu malee “protocol” wanti jedhamu hin jiru. Waa hunda hojjeta. Ba’aa ni baata, ni qota, ni barreessa, ni daldala, promotion hojjeta, ni hojjechiisa
Gurbaan kun Iluu Abbaaboor biyya Caalii Shoneetii Damma qulqulluu fidee Oromootti gurgura. Dammi inni gurgurus kan ofiif mureedha. Harka nama biraa hin tuqsiisu. Qulqullina guddaan qopheessa.
Kaleessa Gurbaa kana waliin daqiiqaa 10n caalaa hin haasofne. Gurbaan haasaa beeka. Sanuu haasa nigdiif tahu. Waan gurgurachuu barbaadu dhaadhessuu beeka. Akkuma Uraageeti
Km dheeraa deemee Damma fidee Finfinneetti gurguruun isaammoo dandeettii biraati. Dhugaa dubbachuuf hojiin akkasii dadhabsiisadha. Garuu gurbaan kun ofiif oomishee, ofiif konkolaatatti fe’ee, ofuma isaaf fidee gurguraa jira.
Yeroo namni naaf ergi jedheenillee ofumaaf fuudhee deema malee namatti hin ergu. “Yoo ormi waa itti dabaltehoo, isin diina gidduu jirtu” naan jedhe.
Gurbaa kanarraa wanti barannu
1. Fb irra teechanii wal jajaafi wal arrabsaa hin oolinaa. Nama beekuu caarratti jijjiirradhaa. Wal gaafadhaa, meeshaa walitti gurguraa, walirraa bitaa
2. Hojii kamuu jalqabaa. Hojiin hojjetamu guuteera. Meeshaa geessuu, iyyafachuu,
3. Finfinneen Oromoof gabaa guddoodha. Btw Oromoon Finfinnee keessa danuudha. Magaalattii hin sodaatinaa. Isin waan qulqulluu qofa dhiyeessaa. Naannoo Dambal, Laghaar, Caalcalii, Boolee, Kiiloo Jaha, Labuutti Oromoo danuutu jira.
4. Akkuma Aleks kana waan gurguruuf yaaddan qulqullina isaa sirritti ilaalaa. Namaa iyyaafadhaa. Btw daldalli gaafa jalqabamu naggadetu maamila barbaada. Booda maamilatu naggaadee barbaada. Kanaaf gabaa keessan ofumaaf akka murteessitan baraa
Wantin sin gaafadhu
1. Fuulduratti Damma Iluu Diyaaspooraa keenyaaf ni dhiyeessa. Gurbaa kana iyyaafadhaa
2. Finfinnee warri jirtan dammi qulqulluun akka isin hin tarre haloo jedhaanii
3. Ijoollee akkanaa kana faayinaansi godhaa. Baankotnifi Mayikiroofayinaansotni itti yaadaa
4. Naannawa Finfinnee warri jirtanillee ijoollee akka kanaarraa bitadhaa. Siniif fida
Dhumarratti Aleksiif ergaan qaba
Waan Oromoo taataniif birrii “5” siniif hirdhiseera jechuu dhiisi. Indawum waan Oromoo taaneef daballee siif kanfallee si cimsachuu qabna. Oromoo daldalli daldala. Gatiinis gatiidha. Oromoo waan taheef naaf hirdhachuu qaba jettee hin eegin.
Looreticha keessan, isa miila duwwaa qophee malee timirtii saqqalaa ture (Abbabaa Biqilaa barumsaa)
Leave a Reply Cancel reply
Latest Posts
- Tooftaan salphaan Interneetaan Galii argachuu nu gargaaru jalqabaa ‘Marsariitii(Website)’ banatanii hojjachuudha…
- Xiinxala: #Tiktok itti-fufuu kan danda’u Dhaabbata Ameerikaatti yoo gurgurame qofa
- Biyya Itoophiyaa keessatti Interneetiin galii guddaa kafalaa jira jedhameera
- Warraaqsa Diinagdee #7 Alex Taye irraa maal baranna
- Waraaqsa Dinagdee 6 |Guraageerraa Maal baranna, maalimmoo barachuu dhiisna?
Popular Posts