- N/S/Lafto, Finfinne, Ethiopia
- +251-903-439-943
- Mon - Sat 8.00 - 18.00
News & Events
Hayu Academy > Odeeffannoo | News > Waraaqsa Dinagdee 6 |Guraageerraa Maal baranna, maalimmoo barachuu dhiisna?
Waraaqsa Dinagdee 6 |Guraageerraa Maal baranna, maalimmoo barachuu dhiisna?
- July 7, 2022
- Posted by: hayu
- Category: Odeeffannoo | News
No Comments
Warraaqsa Diinagdee #6 |Guraageerraa Maal baranna, maalimmoo barachuu dhiisna?
Biyya kanatti Guraageen akka maallattoo ummata hojii jaalatutti lakkaawwama. Dhugaadha hojii ni jaalatu. Sirritti hojjetu. Hojii hin filatan. Keessattuu hojii daldalaa akka malee jaalatu. Akkuma ummata Silxee waliin hojjechuu, waliif bituufi walirraa bituu amaleeffataniiru.
Waan birrii argamsiisu arginaan duubatti hin jedhan. Birriin kappitaala tahuu sirritti beeku. Nama keenya tokko tokkotti birriin baala itti fakkaata.
Hardha biyya keenya keessatti olaantummaa siyaasaa si’uma tokkollee osoo hin argatin warri diinagdee biyya kanaa toohatee jiru isaani. Osoo Wayyaaneen daldala alaa keessaa isaan baasuu baattee yoona akka Israa’elotni siyaasa Addunyaa “shape” gochaa jiran kana olantummaa diinagdeetin Baha Afrikaa kana ni toohatu turan.
- Zayitii oomishuu,
- caammaa oomishuu,
- uffata oomishuu,
- chaayinoota waliin hojjechuu,
- suuqii xixiqqaadhaa hanga guddaatti hojjechuu,
- hojii birrii argamsiisu hunda keessa jiru.
Guraagotni akkuma hojii jaalalatan birrii jaalachuurraa kan ka’e namootni muraasni isaanii zayitii qulqullina hin qabne, barbareetti biyyee makuu, meeshalee foorjidii gurguruu, biddeenatti jeessoo makuu, waan moofaa qalama dibuun gurguruu amaleeffataniiru. Kunimmoo Sababa nama muraasaan sabi sun achbarbaariifi sigibgibii akka tahetti ilaalamaa jira.
Daldalaafi Biizinesiif amantummaa (integrityn) lubbuu akkuma tahe Oromoon daldala keessa jirtuufi seenuf karoorfatte waan akkasii nama miidhu hin yaalinis hin yaadinis. Kana irraa hin baratinaa!
Kan biraammoo kan Chaayinaa waliin wal tahee meeshaa qulqullina hin qabne oomishisaa biyya kanatti galchee gurgursiisaa ture isaanifi Tigroota. Wanti akkasii kunis badaadha. Oromoon karaa kamiyyuu waan biyya tanaafi naannawaa kanaaf kana booda adda durummaan murteessa. Gaafa daldala jalqabuufi oomisha jalqabus mallattoo qulqullinaa tahee eegaluu qaba!
Kan biraammoo Guraagotni maallaqa qaban liqii baankii fudhatanii hojjechuuf duubatti hin jedhan. Kan liqii baankilee baayyee fudhatee irratti garuu hin beekkamne isaani. Kan gabaa Doolaraa akka fedhetti sochoosaa jirus isaani. Oromoo baayyetti hojiin qonna itti fakkaata. Guraagetti garuu hojiin daldala.
Dhugumatti ammoo qonni barbaachisaa tahus magaalatti galanii daldala baruufi industirii keessa galuun ammoo guddina diinagdee saffisiisa.
Looreticha
lafa nagaa oolaa
Leave a Reply Cancel reply
Latest Posts
- Tooftaan salphaan Interneetaan Galii argachuu nu gargaaru jalqabaa ‘Marsariitii(Website)’ banatanii hojjachuudha…
- Xiinxala: #Tiktok itti-fufuu kan danda’u Dhaabbata Ameerikaatti yoo gurgurame qofa
- Biyya Itoophiyaa keessatti Interneetiin galii guddaa kafalaa jira jedhameera
- Warraaqsa Diinagdee #7 Alex Taye irraa maal baranna
- Waraaqsa Dinagdee 6 |Guraageerraa Maal baranna, maalimmoo barachuu dhiisna?
Popular Posts